SEENAA SHEEK BAKRII SAPHALOO KUTAA -2ffaa

Author: MALKA RAFUU

Ani nama ilaalcha gaarii fi qajeelaa qabuu dha. Ilma namaa hunda nama tahuu isaatiin niin kabaja. Nama shira natti xaxuu fi sammuu koo gabroomsuuf (koloneeffachuuf) yaaluuf gad hin jadhu. Nama hin tuqu, yoo na tuqan garuu if booda hin deebi'u hangaan muraada koo guutee galmaan gahuu. Ani jalqaba irratti waa hundaa ol oromummaa koon jaaladha. Oromoo tahee dhalachuun koo na gammachiisa. Ittiin boonaasi. Saba oromoo kan ilaalcha gaarii qaban mara niin jaaladha. Waaniin dandahu hundaan ilmaan oromootii fi Oromiyaa walaboomsuuf taasifamuu mara osoon hin qusanne niin gumaacha. Keessattuu, gama aartii fi hogbarruu oromootiin ummata oromoo tajaajiluuf yeroo mara akkumaan mudhii koo hidhadhettiin jiraadha. Walaloo, Asoosamaa fi kaniin biraatiis yoomillee niin gumaacha.

Leave a comment