Featured

Walaaloo mirigaa harargee

  1. Mirriysaa: Sirna Harargeetti seenaafi aadaan ittiin ibsamu

    By Abdulbasit Abdusemed – 

    (Saamraawiit Girmaa)

    Oromoon aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif bakka guddaa qaba. Kabajaafi jaalala aadaa, seenaafi eenyummaasaatiif qabu kanas haala ittiin calaqqisiifatu hedduu qaba. Akka fakkeenyaattis, barsiifatawwan, barreeffamootaafi afoolawwan eeruun ni danda’ama.

    Ummanni Oromoo gammachuu, gadda, gootummaa, ittiinbulmaataafi haalota kanneen biroo afoolaan ibsataa tureera; ibsachaas jira. Afoollii seenaa afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbuu yoo ta’u, kunis bifa oduu durii, mammaaksa, hiibboo, sirba, weedduu, geerarsaafi haala biraatiin dhihaachuu kan danda’uudha.

    Afoola Oromoo keessaa sirbi godinaalee addaddaatti haala garagaraatiin kan ibsamuufi moggaasa addaddaa kan qabuudha. Fakkeenyaaf, shaggooyyee, mirriysaa (mirrigaa), dhiichisa, heellee, heellemtaa, daraashii, shoobdoo, arrabsoo tiksee, qirindillee (tapha ijoollee), golollee (huruursa daa’immanii)fi kkf eeruun ni danda’ama.

    Maxxansa keenya har’aatiinis afoola Godinaalee Harargee Bahaafi Lixaatti beekaman keessaa Mirriysaa ilaalchisuun barreeffama kitaaba ‘Mirriga Oromoo Harargee’ jedhuurraa argannee akka gaazexaa keenyaaf ta’utti akka armaan gadiitti qindeessinee dhiheessineerra.

    Afoolli Mirriysaa jedhu akkamiin akka moggaafameefi yoom akka eegalamee ragaan sirrii ta’e akka hinjirre kan eeruu kitaabichi, Harargeetti baroota dheeraaf sirba Mirriysaatti fayyadamaa akka tureefi jiru hima. Sirbichi ummata naannawichaa barattiis daran jaalatamaafi kabajamaadha.

    Mirriysaan yaada bal’aafi bilchaataa kan of keessaa qabu yoo ta’u, aadaa ummanni tokko qabu ibsuufis ta’e calaqqisiisuuf gahee olaanaa qaba. Harargeetti dhimmaa heeraafi seeraa (dhaddacha), araaraafi dhimmoota birootiif bakka walga’anitti mirrigaatiin yaada waliif dabarsa. Kana jechuun afoola mirriysaa heeraafi seera, ooda yookiin duudhaa, mudannoofi muuxannoo, ilaalchaafi amantii, walumaagalatti haala jiruufi jireenya hawaas-dinagdeefi siyaasaa waliif dabarsa jechuudha.

    Afoolli mirrigaa ulaagaa mataasaa qaba. Akka maanguddoonni aadaa kitaabichi wabii godhate jedhanittis, gosti tokko ta’e walitti hinmirrigu. Sababnisaas sirba mirrigaatiin waltuquun waan jiruuf yoo ta’u, gosti tokko ammoo gosasaa tuquu waan hinbarbaanneefi. Akkasumas, ijoolleen damiina (maanguddoo gosaatti) hinmirrigdu; walitti mirriguun kan danda’amu kan umriifi sadarkaan walgituudha. Asirratti garuu wanti hubatamuu qabu ijoolleefi dargaggoonni walitti mirriguu hindanda’an jechuu miti.

    Afoola mirriysaa kana yeroo baay’ee kan mirrigu maanguddoota yaadaan bilchina qabaniidha. Sirnicharrattis alangaan bakka guddaa qaba. Maanguddoon gosaa alangaa qabachuun mirriga. Yeroo mirriganis akkaataa ittiin jalqabaniifi xumuran qaba. Kunimmoo gosoota afoolaa kanneen biroorraa kan adda taasisu keessaa tokko. Walaloon mirriysaa armaan gadiis kanuma ibsa.

    DHAGAHII DHAGGEEFFADHUU
    GUURII GURRAA FUDHADHUU
    BAKKA GOSTI ITTI BULEE
    MIRRIYSAAN BEEKANII
    BAKKA WADAAJNI BULEE
    SHUBBISAAN BEEKANII
    BAKKA GUUZNI (DABOO) ITTI OOLEE
    DARASUMAAN BEEKANII
    AKKANAN JECHUU BEEKAA
    WAAN NAAN JETTUUN EEGAA.

    Kun kan agarsiisu, wadaajni kan yeroo nama tokko haalaan dhukkube yookiin balaa uumamaafi kan biroo nama qunnameef akkasumas, nama du’eef kan kadhannaan ittigaggeeffamuudha. Darasii yookiin daraashiin ammoo sirba aadaa kan yeroo guuzaa yookiin daboo bakka hojii lafa qonnaatti sirbaniidha. Kana malees dureewwan gosaa dhimmoota hawaasummaafi rakkoolee jiran hiikuuf bakka walgahanitti ni mirrigu.

    Gama biraatiin namni tokko qofaan baay’ee sirbee akka namoota dhaggeeffatan hinmufachiifneef mirrigatti ni affeera. Akkana jechuudhaan:

    WAA XIQQUMAN MIRRISEE
    WAHIIN HEDDUU DHEERESSAA
    SILAA YAA TUUJII GARBAA
    ASITTI DHAGAA DARBAA, JECHUUN OFII MIRRIGA XUMURA.

    Kan biraa mirriysaan kan mirrigamu yookiin hurrubamu yeroo baay’ee nama lama gidduutti. Bakka ummanni yookiin jamaa hedduun jiranittillee dabaree dabareedhaan walirraa fuudhuun lama lamaan mirrigu malee gamtaan hinmirrigamu.

    Himoonni yookiin gaaleewwan mirrigni ittiin eegalamaniifi xumuramanis kanuma dhugoomsu. Jamaan jecha ‘Hayyee’ jedhu qofa jechuun walaloo mirriysaa waa’elcha. Asirratti waanti hubatamuu qabu namni tokko qofaasaa mirriysuu ni danda’a.

    Akkuma irranatti eeruuf yaalametti ummanni Harargee lamaanii miirotasaa (gadda, gammachuu, gootummaa, roorroo) mirriysaa ibsata. Miirota kanneen keessaa gootummaadhaan walqabatee mirrigni gootota dirree Calanqoorratti wareegamaniif mirrigame akka armaan gadiitti dhihaateera. Mirriga kana maanguddoota, dargaggoota, shamarraniifi hawwantu mirrige.

    DHAGAHII DHAGGEEFFADHUU
    GUURII GURRAA FUDHADHUU
    DARDARA KEENYA FIXAN
    HANDAARA GAARA CIISAA
    SHAMARRAN KEENYA FIXAN
    CALLEE WAAN GAARA CIISAA
    HAWWAN KEENYA FIXAN
    GUFTAA WAAN GAARA CIISAA
    MAANGUDDOO KEENYA FIXAN
    AARRII WAAN GAARA CIISAA
    DHALADHEELLEE HINAGARREE
    SEENAATU NATTI ODEESSAA
    AFRAN QALLOO KIYYAGAA
    DHIIGA GARAA NA CIISA
    YOOMIN GALEE GADI CISAA?

    Garajabummaa qe’eefi lafa ummata Oromoorratti qaqqabeen kan maatiifi hiriyyaansaa ajjeefameefi reefasaallee argatee awwaallachuu dadhabes akka armaan gadiitti mirriga.

    CALANQOO CALIIDHA
    LAFEE BOBEESSANII
    WARRI DHAQEE ARGE
    KANA ODEESSANII
    LAFEE ABBOOTIIDHAA
    AWWAALUU DHIISANII
    QORAAN GODHATANII
    DHIIROO EESSA JENNA?
    BOODA QABRIISAANII
    EEGEE GALAA SOOTII
    KEENYA JIRAAN MOOTII.

    Karaa biraatiin Dargiin qabeenya ummatichaa hedduu barbadeesseera. Sababa ‘mandar misrataatiin’ abbaa qe’ee qabeenyasaarraa buqqiseera; cunqursaa hedduus irraan ga’eera. Bakka tajaajilli fayyaa gahaan hinjirretti hawaasa walitti qabuun dhibee addaddaatiif akka saaxilaman taasiseera; namoonni hedduunis dhibeedhaan lubbuusaanii dhabaniiru. Ummatichis cunqursaa irra ga’e akka armaan gadiitti ibsateera.

    Maqaa mandar misrataatiin manneen keenya diiganii

    Gaaraa dakaa hunda walitti nu qabanii

    Magaalaa dhukkubaa dirqiin nutti dhaabanii jechuun quuqama qaban ibsatu.

    Walumaagalatti egaa haalonni jiruufi jireenyaan walqabatan Harargeetti bifa irranatti eeruuf yaaleen ibsamu. Asirratti waanti hubatamuu Harargeetti mirrigni kan nuti barreeffama kanaan keessatti eerre qofa akka hintaneedha.

    Isin, dubbistoonnis dhimmoota duudhaalee Oromoo irratti xiyyeeffatu barreessitanii yoo nuu ergitan keessummeessuuf qophii ta’uu keenya fuchuma kanaan ibsuu barbaadna.

    *********

Advertisements

Gaa’ela Qulqulluu — Ijoollee Washaa

Gaa’ela Qulqulluu Maddi jaalala Waaqayyo.Waaqayyoon immoo warren wal kaadhimatanif kennaa jaalala laata. Jaalalli wadaroo nageenya namoota hidhaata hin qabne lama walitti kan hidhudha jedhu beektotni amaanta. Haadha mana fi abbaa manaaf qabeenyi,bareedinni fi gammachuun isaan jaalala isaanitti. Jaalalli jireenya gaa’ila warreen lamaniif calaqqetti gammachuu isaaniti. Namni jirachuuf akkumaa qillensi fi nyaatni barbaachisuu jaalalli illee ni […]

via Gaa’ela Qulqulluu — Ijoollee Washaa

JAALALAA

Yoo namni tokko sijaalate, akki isaan waa’ee kee itti haasayan adda. Sitti tola, sigammachiisa. Akka tasgabbiin sitti dhagayamu sitaasisa. Jess C. Scott

By Admin – Jul 13, 2015

Hundi keenya nama jaallannu wojjiin jiraachuu ykn jireenya tasgabbii geggeeffachuu hawwina. Namni hundi kanatti nimilkaawa ykn hawwiin kuni niguutamaaf jechuun ammo hindanda’amu. Namoota (lamee) tokko tokkoof nama jaallatan wojjiin umrii guutuu jiraachun waan hawwii bira ce’uu miti. Maaltu fedhii lamee wol jaalatanii afoo dhaabbata? Maaltu namoota wojjiin jiraachuu filatan akka yeroo dheeraadhaaf, gufuu jireenyaa dandamatanii, wojjiin hinjiraanneef danqaa itti ta’a garuu?

Dursa wonti hubatamuu qabu garuu lameen, waahiloonni ykn hiriyyoon (dhiiraafi dhalaa) hundi tokko ta’uu dhabuu isaaniiti- uumaadhaan. Amalaafi ilaalchi isaanis bifa kamiinuu tokko ta’uu hindanda’u. Ta’us garuu, dhimmoonni namoota heddu wolfakkeessan heddutu jira. Amaloota namoonni heddu qoodaman irratti xiyyeeffachuudhaan qabxiilee kufaatii hariiroo lamee ykn diigamiinsa woliinjireenya waahilootaaf (dhiirsaafi niitii) sababa gurguddaa ta’an jedhaman tarreesseera. Qalbiin dubbisaa.

  1. Wolamaniinsi hir’achuu ykn guutummatti dhabamuu. Woliin jireenyi abbaa manaafi haadha manaa ykn hiriyyootaa umrii akka hinqabaannees sababoota ta’an keessaa inni guddaan laaffataa deemuu wolamantaati. Wolamanuun gaalee jaalalaa isa guddicha. Citiinsi ykn laaffatiinsi gaalee kanaa diigamiinsa jaalalaatti geessa.
    Wonti wolirraa eegan addaaddummaa qabaachuu. Hariiroon namoota lamaan jidduu jiru gara jalqabaatti dirree abaabooti. Hunduu bareedaafi urgaayaadha jechuun nidanda’ama. Wonti hundi akka eegaleen itti fufa jechuun hindanda’amu; birraa irraa gara gannaatti ce’uun uumaadha. Rakkoon ykn gufuun kan bulluq jedhuu egalu gara boodaatti; erga namoonni lama yeroo dheeraadhaaf woliin jiraachuu eegalaniiti. Akkuma woliin jiraachaa deemaniin, lamee jiddutti, wonti isaan wolirraa eegan heddummaataafi garaagarumaan babal’ataa adeema. Dran cimuun tasa hinjiru jechuus miti- hubannoo keessa galchaa. Kan jalqaba irra waa cufti ‘kan keenya’ jedhu gara boodaatti ‘ kiyya, kiyya’ fi ‘ kiyya haa dursu’ wontoonni jedhan heddumaataa adeemu. Kuni gamtaan jiraachuu hedduu laaffisuu bira dabree gara diigamuutti geessa. ‘Kiyya, kiyyaa’ hir’isaa.
    Saffisni jireenyaa wolgituu dhabuu. Jireenyi boqannaa heddus hinqabdu. Hundi jiga dadhabaa jiraa, kufee ka’aaraa garuu? Bakka tokko ufiifi maatii hunda jijjiiruuf hojjatu, dadhabu, kufee ka’utti; inni biroo ufdagatee, diriirfatee taa’uun kan itti nama geessu gara gargar bayuutti. Sammuu, jireenyaafi yaadaan kallattii addaddaa qabachuun gargar fagaachutti nama geessa.
    Wolgitiinsi dhabamuu. Lamee jidduu wolgitiinsi ilaalchaa, hawaasummaafi wolqunnamtiis jiraachuun wolutubanii woliin funduratti tankaarfachuuf baay’ee barbaachisaadha.
    Sararri wolqunnamtii boorayuu. Namoonni lama sammuu tokkoon yaaduufi arraba tokkoon yeroo hunda dubbachuun waan fakkaatuu miti. Lamee jidduu garuu yaanni sammuufi wolhubannoon hedduu wolitti kalaayu jiraachuu qaba. Karaan wolqunnamtii bifa kamiinuu kan kabajaafi jaalala callaqqisu ta’utu isarra jira. Yaadaafi wolhubannoon laga gamaafi gamana dhaabbatanii qaamaan woliin jiraachuun hedduu ulfaataadha.
    Amala ‘anamalee’ qabaachuu. Amalli anamalee lamee jiddutti mul’ate jechuun summiin hariiroofi jaalala isaanii ajjeessuu uumame jechuudha. Amalli anamalee ykn barbaachisummaa ufii olbokossuu, uf nama hunda caalchisuu; akka Xinsamuutti dhibee ykn rakkoo sammuuti.
    Hariiroo irratti daba hojjachuu. Daba hojjachuun bifa arrabaan, gochaa (sagaagaluu, rukutuu) fi hamileen kan ibsamuudha. Lameen wolirratti daba hojjachuun ykn shira xaxuun diiggaa malee faaydaan inni maddisiisu kan biraa tokko hinjiru.
    Araadaaf masakamuu. Kanniin namoonni akka addaan deeman godhan keessaa (namoonni heddu qabxii kana akka gaaritti hubatu) inni tokko araada hamaa (qumaara, dhugaatii fi sagaagalumaa) qabaachuudha.
    Kophummaa. Namoota ammuma wolitti dhufaniif (kanniin hariiroon isaan jidduu jiru woggaa 2 hincaalleef) kophummaan ykn addaan fagaachuun naga osoo wolitti hindhaammanne gargar bayuuf sababa guddaadha.
    Maallaqa. Kuni dhimma ijoodha. Kessumattuu gadaa tana. Lamee jiddutti, inni tokko kennaa inni biraa ammo fudhataa ykn harka eeggataa ta’uun inuma woliin nama hinjiraachisne. Hedduun namaa bilisummaa diinagdee ykn horoo labsachuu fedha. Humni nama hedduu kan hinhayyamu garuu. Yoo xiqqaate, woliin jiraachuudhaaf, waan qaban woliin dhimma itti bayuu danda’uun barbaachisaadha.
    SHARE Godhaa>via Contact
%d bloggers like this: